Fana: At a Speed of Life!

Fiilmin  KEESKOO  Eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Fiilmin KEESKOO magaala Finfinnee Hoteela Eliyaanatti guyyaa har’aa  eebbifameera.

Qabiyyeen fiilmichaas KEES KOO kan jedhu yoo ta’u aadaa godinaalee Oromiyaa hunda kan giddugaleeffateedhas jedhameera.

Fiilmichis Saamsoon makonniniin kan barreefamee fi kan qophaa’e yoo ta’u, fiilmii kana hojjatanii xummuruuf waggaa tokkoo ol kan fudhate ta’uus eerameera.

Fiilmichi aartii oromoo dagaagsuuf fi guddisuuf ga’ee olaanaa akka qabus ibsameera.

Eebba fiilmichaa irratti keessummoonni, Maanguddoonni, hayyoonni seenaa fi daawwattoonni garaagaraas argamaniiru.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.