Fana: At a Speed of Life!

Naannolee damee Intarpiraayizii Oomishaan raawwii hojii gaarii galmeessaniif beekamtiifi badhaasni kenname

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Naannolee damee Intarpiraayizii Oomishaan raawwii hojii gaarii galmeessaniif beekamtiifi badhaasni kennamuu ibsame.

Misoomni Intarpiraayizii Ityoophiyaa naannolee bara 2014tti damee Intarpiraayizii Oomishaan raawwii garii galmeessisaniif sagantaa beekamtiifi badhaasa kennuu gaggeesseera.

Akkaataa ulaagaa qophaa’een biiroo naannolee damichaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’aniif beekamtii fi badhaasni laatamuu ibsameera.

Haaluma kanaan Biiroon Intarpiraayizii fi misooma Indaastirii magaalaa Finfinnee 1ffaa kan ba’e yoo ta’u, Biiroon Ogummaa fi Carraa Hojii Oromiyaa 2ffaa, Biiroon Daldalaafi Indaastirii Sidaamaa 3ffaa ba’uun badhaafamaniiru.

Waltajjichaan Biiroon Indaastirii fi Invastimantii naannoo Amaaraa badhaafamaa addaa ta’uu ibsameera.

Naannichi baatiiwwan sadan darbanitti waraanaaf osoo hin jilbeenfatiin raawwiin hojii galmeessise kan jajjabeeffamu ta’uu ragaan Misooma Intarpiraayizii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.