Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Mana Maree Naannoo Kibbaa muudama garaagaraa raggaasisuun xumurame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Yaa’iin Mana Maree Naannoo Uummattoota  Kibbaa muudama garaagaraa raggaasisuun xumurameera.

Mana marichaan kan muudaman qaamolee raawwachiistotaa 2 fi mana murtii sadarkaa garaagaraarra kan hojjetan abbootii seeraa 98 ta’uu ibsameera.

Obbo Daani’eel Daamxoo hogganaa Biiroo Eegumsa Naannoo naannichaa ta’uun yoo muudaman, obbo Looree Kakuutaa ammoo hogganaa Biiroo Misooma Horsiise Bulaa naannichaa ta’uun muudamaniiru.

Muudamni abbootii seeraa hojiimaata manneen murtii ariifataa taasisuufi kenniinsa tajaajilaa si’eessuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Manni Marichaa yaa’ii idilee guyyoota sadiif gaggeesseen ajandaalee garaagaraarratti mari’achuun raggaasiseera.

Guyyaa har’aas gabaasaa fi karoora gara fuula duraa waajjira ooditara olaanaa naannichaa irratti mari’achuun erga raggaasisee booda yaa’iisaaa xumureera.

Manni Marichaa baajata naannichaa Birrii biiliyoona 46 fi miiliyoona dhibba 3 ol guyyaa kaleessaa raggaasisuun ni yaadatama.

Biqalaa Tufaa fi TOItu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.