Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen bu’aa qabeessummaa sagantaa Ashaaraa Magariisaaf itti gaafatamummaa dachaa qabu jedhame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Miidiyaaleen sagantaan Ashaaraa Magariisaa bu’aa qabeessa akka ta’uuf hawaasa dadamaqsuu bira darbee dhaabbii biqiltuurratti hirmaachuuf itti gaafatamummaa dachaa qabaachuu ibsame.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni Faanaa Broodkaastiing korporeet Magaalaa Finfinnee mooraa Giddugala Tamsaasa Faanaa Broodkaastiing Korporeet Kaarraa Qoreetti argamu keessatti sagantaa Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan biqiltuu dhaaban.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa madaala  jijjiirama qabeenya qilleensaa eeguurra darbee nyaataaf kan ooluu fi carraa hojii kan uumuu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoon saganticharratti ibsaniiru.

Kun akka milkaa’uuf ammoo ga’een miidiyaalee olaanaa ta’uu kaasuun, keessumaa qajeeltoon Faanaa saffisa jireenyaan waan ta’eef hojiilee damichaan hojjetamaa jiran  akkuma qajeeltoo isaa saffisaan hawaasa biraan ga’uurra darbee hojjiicharratti hirmaachuu akka hojiisaa idileetti fudhachuu eeraniiru.

Bu’uuruma kanaan dhaabbiin biqiltuu dhimma biyyaalessaa fi dhalootaaf kan darbu  ta’uu hawaasaan ga’uu bira darbee qabatamaan hirmaachaa jirra jedhaniiru.

Biqiltuu dhaabuu qofti jijjiirama kan hin fidne ta’uu eeruun, biqiltuuwwan dhaabbatan akka qabataniif kunuunsa isaaf sirni qophaa’uu kaasaniiru.

Biqiltuuwwan kanaan dura dhaabaman nyaataaf kan oolaniifi kanneen biroo yeroo ta’an guyyaa har’aa kan dhaabaman haala qilleensa naannichaa kan eegan ta’uu ibsameera.

Hayimaanot Iyyaasuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.