Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Ambaasaalitti rasaasni moortaarii 26 fi fiyuuziin moortaarii 27 argame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaa Aanaa Ambaasaal ganda 03itti rasaasni moortaarii 25, rasaasni laawuncharii 1 fi fiyuuziin moortaarii 27 argamuu ibsame.

Meeshaalee waraanaa guyyaa har’aa argaman kanneen gareen shororkeessaa ABUT naannichaa wayita baqatee ba’etti gatee kan deeme ta’uu hogganaan waajjira milishaa aanichaa obbo Isheetuu Nigusee ibsaniiru.

Meeshaaleen kunneen kan argaman eeruu hawaasni qaamolee nageenyaaf kennaniin ta’uu ibsaniiru.

Meeshaaleen kunneen miidhaa qaqqabsiisuu waan danda’aniif hawaasni ofeeggannoo taasisuu akka qabu yaadachiisuun, meeshaaleen waraanaa seeraan alaa jiraachuu waan malaniif hawaasni eeruu qaamolee nageenyaaf akka laatu gaafataniiru.

Sakattoo qaamoleen nageenyaa taasisan cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Aanichatti meeshaalee waraanaa har’a argaman dabalatee meeshaaleen waraanaa 461 lafaa argamuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.