Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa CDC Afrikaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 100 taasise

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Baankiin Addunyaa Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 100 taasisuu gabaafame.

Deeggarsichi tattaaffii giddugalicha weerara dhibeewwanii mul’achaa jiranii ittisuuf taasisu deeggaruuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Deeggarsichi dandeettii teeknikaa giddugalichaa guddisuuf, weerara dhibeewwaniif deebii ariifataa kennuuf, lakkoofsa ogeeyyii fayyaa dabaluufi invastimantii guddisuuf kan oolu ta’uus eerameera.

Baankichi deeggarsicha kan taasise sirna fayyaa cimaa diriirsuun weerara dhibeewwanii yeroo yeroon mul’ataniif deebii ariifachiisaan akka laatamuuf ta’uu ibsameera.

Giddugalli To’annoofi Ittisaa Dhibee Afrikaa, tattaaffii biyyoonni ardichaa weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf taasisaa turan deeggaraa kan ture yoo ta’u, maariyyee jaldeessaa to’achuufis biyyoottan ardichaaf qajeelfama kennaa jiraachuu eerameera.

Deeggarsichi yeroo murteessaatti taasifamuufi tattaaffii biyyoonni sirna fayyaa cimaa diriirsuuf taasisan kan gargaaru ta’uu Eeggataan Daayrektaraa Giddugalichaa Ahimad Oogweel Oomaan ibsuu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.