Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Shugguxiin seeraan alaa fi rasaasni to’annoo jala oole

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Hordoffii Poolisiin Magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa taasisaniin shugguxii fi rasaasni seeraan alaa to’annoo jala ooluu eerame.

Hordoffii qindoominaan taasifameen konkolaata manaatiin rasaasni ‘Raataay Fol’oon 31, rasaasni Okoolpi 490 fi rasaani istaar 94, kaartaa shugguxii shan, shakkamtoota waliin to’atamuu ibsameera.

Qaama konkolaataarratti saamsituu qopheessuun meeshaalee biroon walfakkeessuun fe’uun meeshaalee waraana kanneen gara Fnfinnee galchuuf utuu yaalamanii to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Shakkamtoota yeroo garaagaraatti kallattii garaagaraan meeshaalee waraanaa daddabarsan irratti hordoffii taasisu cimsee akka itti fufu poolisiin beeksiseera.

Hawaasnis eeruu kennuun deeggarsa isaa akka itti fufu poolisiin magaalichaa dhaamuu ragaan Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin, Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti meeshaaleen daldala seeraan alaa Birrii miiliyoona 1.5 olitti tilmamamu to’atamuu Qajeelchi Poolisii bulchiinsa magaalichaa beeksiseera.

Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen konkolaataa fe’umsaarratti qamadii Birrii kuma 300 oliitti tilmaamamu fi uffannalee gatiinsaa Birrii kuma 700 olitti tilmaamamu fe’aman, eeruu hawaasa irraa argameen to’atamuusaa Ittaanaan Daayrektara Nageenya Naannoo Mirkaneessa Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Roobee Inspeektar Abdunaasiir Amaan ibsaniiru.

Kana malees, cileen, kaanchiin boba’aa fi meeshaaleen daldala seeraan alaa biroon Birrii kuma 500 oliitti tilmaamaman to’atamuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.