Fana: At a Speed of Life!

Oomisha midhaan dheedhii Yuukireen Galaana Gurraacharraan gabaa addunyaaf dhiyeessuuf waliigalteen mallateeffame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Oomisha midhaan dheedhii Yuukireen Galaana Gurraacharraan gabaa Addunyaaf dhiyeessuuf kan dandeessisu waliigalteen mallatteeffameera.

Waliigaltechas Barreessa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees, Pireezidaantii Turki Rasiip Xayiib Erdoohaanii fi bakka bu’ootaa Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti Istaanbulitti mallatteeffameera.

Waliigaltechaan Raashiyaan waraana Yuukireen booda buufataa doonii Oddeessaatti kan kuufamee ture oomishaa calla Yuukireen toonii miiliyoona 20 gabaa biyya alaaf akka dhiyaatu kan taasisuudha jedhameera.

Waliigaltecha erga walii mallatteessaniin booda gatiin oomisha callaa gabaa addunyarratti hir’achaa jirachuun himamaa jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.