Fana: At a Speed of Life!

Bara 2014tti haleellaan saayibarii dhaabbilee 99 irratti raawwachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014(FBC)-  Bara 2014tti haleellaan saayibarii sadarkaa gadi aanaa fi olaanaa dhaabbilee 99 irratti raawwachuu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo ibse.

Hanqinaalee nageenya saayibarii addaan baafaman keessaa %28 miidhaa cimaa kan geessisan, %45 miidhaa giddugaleessa kan qaqqabsiisanii fi %27 ammoo miidhaa sadarkaa gadi aanaa ta’e kan geessisan ta’uu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

Hanqinaaleen kunneen sadarkaa nageenyaa eeguun hojjechuu dhabuu, teeknooloojiiwwan hin haaromfamiin fayyadamuu, sirna suphaa dadhabaafi hin ammayyoofne hordofuu, lakkoofsa iccitii/Paaswoordii dadhabaa fi dhaabbata oomishaarraa dhufan fayyadamuu akkasumas wayita daataan daddabarfamu iccitii eeguu dhabuufi mirkaneessa nageenyaa sirreessuu dhabuun mul’achuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.