Fana: At a Speed of Life!

Siwiizarlaand hariiroo daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufuuf fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministitaa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Siwiizarlaand Taamaaraa Moonaa waliin mari’atan.

Obbo Dammaqaan hariiroo biyyoottan lameenii waggoottan dheeraa lakkoofsise dinqisiifataniiru.

Biyyoonni lameen marii idilee siyaasaa fi hojiilee daldalaa fi invastimantii eegaluun hariiroo isaanii cimsuuf dandeettii qaban sakatta’uu qabu jedhaniiru.

Dabalataanis haala yeroo Ityoophiyaa fi hojiilee ijaarsa nageenyaa mootummaan hojjechaa jirurratti ibsa laataniiru.

Siwiizarlaand bara Faranjootaa 2023/24 Miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waan taatuuf baga gammaddan erga jedhaniin booda biyyattiin akkuma barame ajandaalee idil addunyaarratti ejjennoo madaalawaa ni qabatti amantaa jedhu kan qaban ta’uu eeraniiru.

Ambaasaaddarri Siwiizarlaand Taamaaraa Moonaan gamasaaniin, biyyisaanii mana marichaatti yeroo jalqabaaf miseensa kan taatu ta’uu ibsuun, nageenya waaraa, jijjiirama qabeenya qilleensaa, dhaabbaticha bu’aa qabeessa taasisuufi kabaja mirga lammiileef dursa kan laattu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan mana marichaatti miseensa dhaabbii ta’uun waggoottaniif tajaajiluu yaadachiisuun, muuxannoo ishee Siwiizarlaandiif akka qooddu gaafachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii hedduun hojiilee invastimantii Ityoophiyaarratti hirmaachuuf fedhii kan qaban ta’uu eeruun, biyyattiin damee daldalaa fi invastimantiin hariiroo  Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.