Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti Qamadiin Kilaasteraan lafa hektaara kuma 79 fi 887 irratti misoomaa jira

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti qonna gannaatiin qamadiin lafa hektaara kuma 79 fi 887 irratti kilaasteraan misoomaa jiraachuu Waajjirri qonnaa godinichaa beeksiise.
Godinichatti Qonna gannaan lafa hektaara kuma 93 fi 666 misoomsuuf karoorfame keessaa, lafa hektaara kuma 79fi 887 Qamadiin kilaasteraan faca’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Lixaa Dooktar Abdullaahii Beekaan himaniiru.
Aanaalee godinichaa keessaa Aanaan Gadab lafa hektaara kuma 33 fi 973 irratti qamadii misoomaa jiru keessaa lafti hektaarri kumin 29,187 kilaasteraan misoomuu eeraniiru.
Qamadiin aanaalee godinichaa 12 keessatti misoomaa jiraachuu kaasaniiru.
Godina Arsii Lixaatti lafa hektaara kuma 124fi114 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti hektaara kuma 93fi 566 irratti faca’uu himuu isaanii OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.