Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa har’a gita isaa Sudaan Kibbaa waliin tapha gulaallii ni taphata

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa har’a gita isaa Sudaan Kibbaa waliin tapha gulaallii Shaampiyoonsi Liigii Afrikaaf ni taphata.
Tapha kanarratti taphaattoota Liigii biyya keessatti argaman keessatti taphatan qofatu hirmaata jedhame.
Shaampiyoonsi Liigiin Africaa(Chaan) 7ffaan bara Faranjootaa Baatii Amajjii fi Gurraandhalaa 2023 qopheessummaa Aljeeriyaan ni gaggeeffama.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa gulaallii jalqabaa gita isaa Sudaan Kibbaa waliin har’a sa’aatii 10:00 irraa eegalee Sudaan Kibbaa Istaadiyeemii Beenjaamiin Mikaappooti ni taphata.
Taphni deebii Adoolessa 24, 2014 kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa qabxii walii galaan gita isaa Sudaan Kibbaa yoo injifate gulaallii xumuraa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ruwaandaa Baatii Hagayyaa keessa ni taphata.
Tapha kanarratti gareen biyyaalessaa biyyoota 18 kan hirmaatan ta’uu Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.