Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Kibxata dhufu Finfinnee ni galu

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov daawwannaa hojiif Kibxata dhufu Finfinnee ni galu jedhame.
Sargee Laavroov guyyoota lamaaf Finfinneetti daawwannaa hojii ni taasiisu jedhameera.
Turtii isaaniin hoggantoota mootummaa olaanoo, Bakka Buutoota Gamtaa Afrikaa fi Dippiloomaatoota biyyoota garaagaraa waliin marii kan taasiisan ta’uu Ityoophiyaatti Imbaasiin Raashiyaa Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif himeera.
Dhimmoota hariiroo fi Tumsa Raashiyaa fi biyyoota Afrikaa caalmaatti cimsaniirratti marii bu’aa qabeessa ni taasiisuun eegama jedhame.
Dabalataan haala qophii Yaa’ii 2ffaa Afrikaa -Raashiyaa irrattis marii kan taasiisan ta’uu imbaasichi beeksiseera.
Wandasan Araggaanyitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.