Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Aadaa haqa qulqulluu kennuu keessatti gahee olaanaa qaba – Obbo Gaazaalii Abbaa Simal

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 3ffaa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa oolmaa guyyaa 2ffaa itti fufeera.
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii bara 2014 fi Karooraa bara 2015 Caffeef dhiyeessaa jira.
Mana Murtii Aadaa Hojii irra oolchuuf hojiilee adda addaa hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamuu Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaa Simaal wayita gabaasa caffeef dhiyeessan himaniiru.
Hojiin hubannoo uumuu,aadaafii duudhaa oromoo haala ittiin guddisuun danda’amu irratti Abbootii Gadaa fi Pirezidaantota Yuunivarsiitii waliin hojjetamaa turuu kaasaniiru.
Manni Murtii Aadaa dhimmoota himannaa manneen Murtii idilee irraa hojii salphisuurra darbee haqa qulqulluu kennuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaa himaniiru.
Manneen Murtii keessatti namoota naamusaafi duudhaa hojii abbaa seerummaa cabsan 341 irratti tarkaanfiwwaan gara garaa fudhatamuus ibsaniiru.
Manneen murtii kenna tajaajila abbaa seerummaa qulqulluufi bu’a qabeessa taasisuun galma barbaadamuun gahuuf caalmaatti qulqulinaan qaqqabamummaa isaa dabaluun hojjiin hojjatame gaarii ta’uus; ammas xiyyeefannoon hojjechuu kan gaafatu ta’uun ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.