Fana: At a Speed of Life!

Beenishaangul Gumuzitti duulli  guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 7.5 dhaabuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014(FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti duulli  guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 7.5 dhaabuu gaggeeffamaa jira.

Duulicharratti pirezidaantii naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoonni olaanoon, hojjettoonni mootummaafi uummanni naannichaa hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Naannichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuu miiliyoona 45 dhaabuuf karoorfamuu eeramera.

Pirezidaantiin naannichaa obbo Ashaadilii Hasan dhuunfaasaaniin biqiltuu 100 dhaabuuf waadaa galuun ashaaraa isaanii kaa’aa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.