Fana: At a Speed of Life!

Atleet Warqiwuhaa Geetaachoon fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 meedaaliyaa Meetii 4ffaa Ityoophiyaaf argamsiifte

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Ooriiganitti gaggeeffamaa jiruun Atleet Warqiwuhaa Geetaachoon fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 meedaaliyaa Meetii 4ffaa Ityoophiyaaf argamsiifteerti.
Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 barii kana gaggeeffameen Atleet Warqiwuhaa Geetaachoon sadarkaa 2ffaa ba’uun meedaaliyaa Meetii yoo argattu, Atleet Maqdas Abbabaan ammoo sadarkaa 3ffaa ba’uu meedaaliyaa Naahaasii jalqabaa Ityoophiyaaf argamsiifteeri.
Atleetiin Kaasaagiistaan Nooraahi Jooriitoon sadarkaa 1ffaan xumuruun meedaaliyaa Warqee biyya isheef argamsiifteerti.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.