Fana: At a Speed of Life!

Somaaliilaand BBC hojiirraa uggurte

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Somaaliilaand birmadummaa koo dhiibe jechuun BBC hojiirraa uggurruu beeksifte.
BBCn waggoottaan 30’n darbaniif Somaaliilaandi biyya of dandeesse jirtu, Bulchiinsa Diimookiraataawaa ta’uu isheef beekkamtii kan hin laanne ta’uu Ministirri Beeksisaa biyyattii Saaleebaan Yusuuf Alii Korreen ibsa Hargeessatti kennaniin himaniiru.
Guyyaa har’aa eegalee BBCn biyyattiitti hojii kamiiyyuu akka hin hojjenne murtaa’uu ibsaniiru.
Odeeffannoon dhaabbatichaan tatamsa’u ummata Somaaliilaandiif kan hin madaalle ta’uu eeraniiru.
Somaaliilaandi mormii wal waliinii bara Faranjootaa 1991 ka’een Somaaliyaarraa bilisa ba’uu ishee ‘The East African’ gabaaseera.
BBCn hanga ammaatti ugguricha ilaalchisee yaadni laate hin jiru jedhame.
Chaayinaanis bara darbe BBC hojiirraa ugguruun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.