Fana: At a Speed of Life!

Bara 2014 pirojektoonni 17 ijaaramanii xumuramuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa Beeksise

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Bara baajataa xumurame 2014tti pirojektoonni 17 ijaaramanii xumuramuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksiseera.

Tajaajilichi akka beeksisetti, pirojektoota xumuraman ijaarsi biiroo elektiroo makaanikaalaa 2, ijaarsi biiroo hojiilee siiviilii 11, ijaarsii biiroo hojiilee suphaa 4 akka ta’an eerameera.

Qajeelfamaan pirojektoota gaggeeffamaa jiran 37 keessa pirojektoota 20 xumuruuf karoorfamee pirojektoonni 17 xumuramuu ibsameera.

Pirojektoonni hafan sadii ammoo hanqinaa galtee simmintoo fi rakkoo maashinaarii mudateen yeroo qabama keessatti xumuramuu akka hindandeenye beeksiseera.

Pirojektoota qajeelfamichaan gaggeeffaman keessa 10 bara 2015 xumuruuf kan hojjetamuu ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.