Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii aanaa Dugdaa Daawaatti baalli sammuu nama hadoochu kuntaalli 59 to’atame

Finfinnee Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa godina Gujii Dhihaa aanaa Dugdaa Daawaatti baalli sammuu nama hadoochu kuntaalli 59 ta’atameera.

Godinichatti itti gafatamaan qajeelcha pooliisi ittisa yakkaa komaandar Addaamuu Abaataa Faanaa brooksating koorpooreetti akka himanitti, aanaa Dugdaa Daawaatti ballii sammuu nama hadochuu kuntaalli 59 to’atameera jedhaniiru.

Baalli sammuu nama hadoochuu kun konkoolataa fe’uumsaa irratti fe’amuun Shaashamanneerra gara Mooyaleettii osoo imalaa jiru eeruu uummatan to’atameera.

Ballii sammuu nama hadoochuu kun baatii takkatti yeroo lamaaf to’atamuu kan ibsaan koomandarichi, sosochiin kontirobaandii naannichaatti mul’atan to’aachuuf xiyyeeffannoo hojjetama jiraachuu himaniiru.

Maartaa Geetaachawtu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.