Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan oomisha gaazii olaanaa gara Chaayinaatti ergite

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Raashiyaan sarara dabarsa boba’aa Saayibeeriyaa irraan guyyaatti boba’aa gaazii olaanaa Chaayinaaf dhiyeessuun eerame.

Kubbaaniyyaa Raashiyaa Gaazpiroom, dhiyeessiin kun bu’uura waliigaltee yeroo dheeraa Kubbaaniyyaa Chaayinaa CNPC waliin mallateessaniin ta’uu beeksiseera.

Bara kana baatiiwwan ja’an jalqabaa oomishi boba’aa gaazii gara Chaayinaatti ergame %60 ol dabaleera.

Sararri boba’aa Saayibeeriyaa, sarara gara chaayinaatti diriirfame qaama sarara boba’aa gaazii gama bahaa yoo ta’u, bitattuu boba’aa gaazii Raashiyaa ijoo kan taate chaayinaan, gama sarara kanan gaazii uumamaa biyyattiirraa galfatti jedhameera.

Gaaziin gara Chaayinaatti ergamu daballi kan argisiise, baatii darbe sarara Noordi Istiriim irraan gara Awurooppaatti sararri gaazii dabarsu tokko hojii dhaabu hordofee ta’uun ibsameera.

Gaazpiroom, rakkoo teekinikaa sararicharratti mudateef sababni, qoqqobbii idil addunyaa Raashiiyarra kaa’ameedha jedha.

Mooskoon dhiyeesituu gaazii umamaa amansistuu akka taatee fi maamiltootaa isheef qajeelfamaa dirqamaa akka baaftu irra deddeebiin ibsaa jiraachuu RT’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.