Fana: At a Speed of Life!

Piroojektiin fooyyessa jireenyaa naannawaa gammoojjii aanaalee 100 fi kilaastaroota 28 keessatti hojiirra oolaa jira jedhame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Piroojektiin fooyyessa jireenyaa naannawaa gammoojjii aanaalee 100 fi kilaastaroota 28 keessatti hojiirra oolaa jiraachuu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Ministeerichi piroojektii fooyyessa jireenyaa naannawaa gammoojjii fi raawwii karooraa bara 2014 irratti magaalaa Adaamaatti marii gaggeessaa jira.

Qabeenya naannawaa gammoojjiitti argamu fayyadamuun jireenya horsiise bulaa fooyyessuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Indiriyaas Geetaan gamasaaniin, jijjiirama jireeyaa bu’uuraa fiduuf jireenya horsiise bulaa jijjiiruun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Piroojektiin fooyyessa jereenyaa naannawaa gammoojjii aanaalee 100 fi kilaasteroota 28 keessatti hojiirra oolaa jiraachuu Qindeessaan Waajjira Piroojektii Fooyyessa Jireenyaa Naannawaa Gammoojjii obbo Sa’id Umar eeraniiru.

Piroojektichi naannolee Oromiyaa, Affaar, Somaalee, Uummattoota Kibbaa, Beenishaangul Gumuzii fi Gambeellaa keessatti hojjirra oolaa jiraachuu fi yeroo itti aanutti naannoo Uummattoota Kibba Lixaa Ityoophiyaatti hojiirra kan oolu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.