Fana: At a Speed of Life!

Beenishaangul Gumuzitti Sagantaan dhaabbii biqiltuu godaantonni Afrikaa irratti hirmaatan eegalame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Sagantaan dhaabbii biqiltuu godaantonni biyyoota Afrikaa Kaampiiwwan godaantotaa garaagaraa keessa jira irratti hirmaatan eegalameera.

Sagantichi kaampiiwwan godaantotaa Tsooree, Baambiisii fi Sharqoolee keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Kaampiiwwan kanneen keessatti bara kana biqiltuu kuma dhibba 2 dhaabuuf karoorfamuu ibsameera.

Kaampiiwwan kanneen keessa baqattoonni Sudaan, Sudaan Kibbaa, Rippaabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Rwaandaa fi biyyoota Afrikaa biro kumni 74 ol jiraachuu ragaan Tajaajila Godaantotaa fi Deebitootaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.