Fana: At a Speed of Life!

Hanga guyyaa kaleessaatti biqiltuu biiliyoonni 4.2 dhaabbateera- Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Hanga Adoolessa 11,2014tti waliigalaan biqiltuun biiliyoonni 4.2 ol dhaabbachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa mata duree “ Ashaaraa keenya dhaloota keenyaaf” jedhuun cimee itti fufuu ibsameera.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon naannoo Oromiyaatti biqiltuun miiliyoonni 469.8 fi naannoo Amaaraatti biqiltuun miiliyoonni 263.15 dhaabbachuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun naannoo Uummattoota Kibbaatti guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 100 dhaabuuf karoorfatamuu eerameera.

Walumaagalatti hanga guyyaa kaleessaatti biqiltuun biiliyoonni 4.2 ol dhaabbachuu ministeerichi beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.