Fana: At a Speed of Life!

Filannoon Hoggantoota Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014(FBC)- Filannoon Hoggantoota Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Yaa’iin biyyaalessaa Jijjiirama Dhaabbatummaa fi Tokkummaa Musiliimota Ityoophiyaa marsaa 2ffaan guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’icharratti bakka buutonni guutuu biyyattiirraa walitti bobba’an kan argaman yoo ta’u, filannoon hoggantoota majiliisicha waggoottan sadan dhufaniif hogganan gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Yaa’icharratti sagaleen ni hirmaatu jedhamee kan eegame 300 keessaa hanga ammaatti 261 argamuu beekameera.

Yaa’ii Eebila 23,2011tti warreen hirmaatan keessaa 39 du’aan, dhukkubaan, imala hajiirraa dheebi’uu dhabuufi sababoota garaagaraan yaa’ii har’aarratti osoo hin argamiin hafuu ibsameera.

Yaa’iin biyyaalessaa Jijjiirama Dhaabbatummaa fi Tokkummaa Musiliimota Ityoophiyaa marsaa 1ffaan Eebila 23, 2011 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuun isaa kan yaadatamu ta’uu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.