Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaa,Arsii Lixaa fi Gujiitti duulli dhaabbii biqiltuu ashaaraa magaariisaa gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Godina Jimmaa fi Arsii Lixaatti duulli dhaabbii biqiltuu ashaaraa magaariisaa marsaa 4ffaan gaggeeffameera.
Godina Arsii Lixaatti duula dhaabbii biqiltuu Ashaara Magariisaa marsaa 4ffaatiin kutaaleen hawaasaa adda addaa kumni dhibbi 5 fi kumni 39 biqiltuuwwan gosa garagaraa miiliyoona 17 ol dhaabaa jiru.
Godinichatti bara kana duula ashaaraa magariisaan biqiltuu miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoonaa 36 ol lafa hektaara kuma 71 irratti dhaabuuf karoorfamee hanga guyyaa kaleessaatti biqiltuun gosa garagaraa miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 29 dhaabamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Dooktar Abdullaahii Beekaa himaru.
Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidantiitti Qindeessaan Kilaastaraa Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluu naannichatti duula ashaaraa magariisaa galmaan gahuuf tumsi biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu cimee itti fufuu akka qabu kan hubachiisaniiru.
Godina Jimmaatti guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 35 dhaabbuuf duulli taasifamaa jira.
Godinichatti duula ashaaraa magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoona 1 dhaabuuf karoorfame keessaa miiliyoonni dhibbi 3 biqilaa bunaa ta’uu ibsameera.
Muktaar Xahaa fi Lammaa Tasfaayeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.