Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee kalaqaa damee fayyaarratti hojjetamaniif deeggarsi kan taasifamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014(FBC)- Hojiin kalaqaa tajaajila fayyaa qulqullina qabu hawaasa qaqqabsiisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dookatar Liyaa Taaddasaa ibsan.

Karoora tarsiimawaa waggota shaniin tajaajila qulqullina qabu guddisuun kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyee qabu hawaasa qaqqabsiisuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Qulqullina fiduuf ammoo hojiileen kalaqaa ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Hoggantoonni olaanoon mootummaa hojiilee kalaqaa “Giraand chaaleenj Ityoophiyaa” deeggarsa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Hansaniin hojjetaman  Yuunivarsiitii Jimmaa Inistiitiyuutii teeknooloojiitti argamuun daawwataniiru.

Giraand chaaleenj Ityoophiyaan hojiilee kalaqaa garaagaraatti xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Hanga ammaatti Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Hansaniif piroopoozaalonni hojiilee kalaqaa 550 dhiyaataniif keessaa 70’f deeggarsa taasisaa jiraachuu eerameera.

Yeroo ammaa hojiileen kalaqaa 4 xumuramuun gabaaf dhiyaachuuf akka ta’e ibsameera.

Hojiilee kalaqaa damee fayyaarratti hojjetamaa jiran keessaa %60 tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immanii fooyyessuurratti kan xiyyeeffatan ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Hojiilee kalaqaa damicharratti hojjetaman keessaa %60 Yuunvarsiitii Jimmaan hojjetamuu kaasaniiru.

Tamasgeen Alabbaachawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.