Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti bara kana sanyii biqiltuu Avokaadoo diqaalome Kumni 80 ol dhaabbiif qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014(FBC)- Godina Harargee Bahaatti bara kana sanyii biqiltuu Avokaadoo diqaalome kumni 80 ol dhaabbiif qophaa’uu Waajjirri Qonnaafi Qabeenya Uumamaa godinichaa Beeksise.

Innisheetiivii misooma Avokaadoo hojii irra oolchuuf godinichatti bara kana biqiltuun Avokaadoo miiliyoonni 16 ol sadarkaan qophaa’uu fi kanneen keessaa kumni 80 ol diqaalomuun dhaabbiif qophaa’uu Itti Gaafataamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetaahun Nigaatuu himaniiru.

Qonnaan bultoonni Harargee kanaan dura Oomisha Jimaan cinatti gosa kuduraa fi muduraa biroo kan oomishan ta’us oomisha Avokaadoof xiyyyeeffannoon kan hin kennamne ta’uus himaniiru.

Yeroo ammaa garuu godinichatti Innisheetiivii Misooma Avookaadoo irratti xiyyeeffatamee hojjatamuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun cinatti, al ergii dabaluun qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf ga’ee guddaa qabaachuu  Obbo Geetaahun eeraniiru.

Aanaalee godinichaa dhaabbiin biqiltuu Avokaadoo itti eegale keessaa Aanaan Qarsaa isa tokko yoo ta’u, Aanichatti bara kana biqiltuu Avokaadoo diqaalome kuma 9 ol dhaabuuf sochiin eegalamuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa aanichaa Obbo Taajir Mahaammad ibsaniiru.

Sanyiin biqiltuu Avokaadoo diqaalome waggaa sadii keessatti nyaataaf kan gahu ta’uu ibsameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.