Fana: At a Speed of Life!

Paakistaanitti imbaasiin Ityoophiyaa banamuun hariiroo gamlamee biyyoota lameenii ni cimsa jedhame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Paakistaan magaalaa Islaamaabaaditti  imbaasiin Ityoophiyaa banamuun hariiroo gamlamee biyyoota lameenii ni cimsu ta’uu ibsameera.

Ergamaa addaa FDRI fi Ambaasaaddara Ityoophiyaa ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Jamal Bakar guyyaa har’aa magaalaa Islaamaabaad galaniiru.

Bu’uura riifoormii Ministeerri Dhimma Alaa dhiyeenya gaggeesseen faayidaa biyyaalessaa fi kabaajaa biyyattii eegsisuuf Paaksitaan Islaamaabaaditti imbaasiin akka banamuuf murtaa’uu fi Ambaasaaddar Jamaal Bakariin biyyichatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa ta’uun ramadamuufi guyyaa har’aa magaalaa Islaamaabaad galuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Jamaal Bakar Paakistaan buufata xiyyaara idil addunyaa Beenaazir wayita ga’an Daayrektarri Olaanaan Ittaanaa Pirootokoolii Paakistaan Adeel Ahimad simannaa taasisuufii ibsameera.

Ambaasaaddar Jamaal simannaa taasifameefiif galateeffachuun, yeroo gabaabaa keessatti imbaasicha qindeessuun gara hojiitti seenuuf mootummaa paakistaan deeggarsa akka taasisuuf amantaa qabaachuu ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Ittaanaa Pirootokoolii Paakistaan Adeel Ahimad,Mootummaan Ityoophiyaa paakistaanitti imbaasii banuusaaf dinqisiifachuun, yeroo itti aanutti hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii daran akka cimuuf imbaasichi ariitiin gara hojiitti akka galuuf mootummaa isaanii deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ambaasaaddar Jamaal Bakariifis bara hojii gaarii hawwuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.