Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujiitti duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa boru eegaluuf qophii ga’aan taasifamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Godina Gujiitti duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaa guyyaa boruu eegaluuf qophii ga’aan taasifamuu ibsameera.

Godinichatti biqiltuu miiliyoona 9 dhaabamurratti hawaasni kumni dhibbi 1 fi kumni 75 ni hirmaatuun kan eegamu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Taaddasaa Buzuneen ibsaniiru.

Ittaanaan bulchaa godinichaa Obbo Abdurazaaq Huseen gamasaaniin, biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara darbe dhaabbate keessaa %85 qabachuu eeraniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.