Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Oromoo qabsoo siyaasaa gaggeessaa tureen injifannoo gonfateera- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Uummanni Oromoo qabsoo siyaasaa gaggeessaa tureen injifannoo gonfateera jedhan Ittaanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Uummanni Oromoo waggootaniif qabsoo hadha’aa gaggeessaa tureen jaallan isaa hedduu waareguu kaasaniiru.

Uummanni keenyaa qabsoo siyaasaan gonfate diinagdeen ijaaruuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo adda kennee hojjechaa jira jedhan.

Oomishaaf oomishtummaa dabaluun galii naannoon Oromiyaa argachuu qabdu akka argatuuf hojjetama jiraachuus eeraniiru.

Waggaa darbe hojii oomisha qamadii jallisiin oomishamerraa callaa kuntalli kumni 600 argamuu himaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Galaanitti hojiin muuxannoo qonnaa magaalaa jalqabame kallattii ka’ameen akka itti fufuuf hawaasni magaalichaa hojii qonnaa magaalaa irratti hirmaachuu akka qabu dhaamaniiru.

Kantibaan magaalaa Galaan Aadde Wayinisheet Gizaaw gama isaaniin, hojii qonnaa magaalaa, magaalichatti eegalameen lafa heektaara kuma 2 fi 907 ol misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.