Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Riiftii Vaalii barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 8 ol eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Riiftii Vaalii barattoota ogummaa garaagaraa kaampaasiiwwan magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti barsiisaa ture kuma 8 fi 236 sadarkaa Teeknikaa fi ogummaa, Digirii jalqabaa fi digirii 2ffaan eebbisiiseera.

Yuunivarsiitiin Riift Vaalii barattoota harka qalleeyyiif carraa barnootaa bilisaa kennuun aantummaa hawaasa isaaf qabu qabatamaan agarsiisaa jiraachuu Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Abbabaa Gammachuu himaniiru.

Sirnicha eebbichaarratti keessummoonni biyya keessaa fi biyya alaarraa waamichi taasifameef argamuu ragaan fuula yuunivarsiitichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.