Fana: At a Speed of Life!

Nageenyii fi araarri akka babal’atuuf gaheen waldaalee siiviilii olaanadha-Ministira Haqaa

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Nageenyi biyyaa fi araarri akka babal’atu gama taasisuun dhaabbileen waldaalee siiviilii gahee olaanaa akka qaban Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos ibsaniiru.

Yaa’iin Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii Federaalaa 5ffaan Magaalaa Arbaamincitti gaggeeffamaa jira.

Waggoota sadiin dura qajeelfamni seeraa dameechi ittiin hogganamaa ture fooyyessuuf tattaaffiin taasifamuu yaadachiisanii, labsiin dhaabbilee waldaalee siiviilii ragga’us qofummaan milkaa’uu waan hindandeenyeef naannoleen qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Federaalaa Obbo Jimaa Dilboo gama isaaniin, hojiileen damee hedduu gaggeeffamaa turuu yaadachiisanii, abbaan taayitichaa labsicha hojiirra oolchuuf qajeelfamoota garaagaraa qopheessaa turuu eeraniiru.

Yeroowwan darbanitti qajeelfamoota sagal raggaasisuun, qajeelfamoonni saddeet ammoo adeemsarra akka jiran ibsaniiru.

Bakka bu’iinsi naannoleef kennamu jiraachuukan kaasan obboo jimaan, haala akkamiin akka hojiirraa ooluurratti kan mari’atamuudhaa jedhan.

Seerota sadarkaa federaalaatti ba’an gara naannoleetti dirriirsuuf Ministeerri Haqaa deeggarsa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’iichi hanga boriitti itti fufee gaggeeffama jedhameera.

Birhaanuu Bagaashaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.