Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Federeeshinii hiikkaa heera mootummaa ilaachisuun yaada murtee dhiyaate raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii hiikkaa heera mootummaa ilaachisuun yaada murtee dhiyaaterratti mari’achuun raggaasiseera.

Manni Marichaa Yaa’ii Qulqulleessituu Heera Mootummaa yaadota murtee hiikaa heeraa mootummaa barbaachisa jechuun koreen dhaabbii kanneen dhiyeesse keessaa ja’an isaanii hiikkaa heeraa hinbarbaachisuu jechuun, tokko ammoo hiikkaa heeraa barbaachisa jechuun sagalee caalmaan raggaasiseera.

Dabalataan koreen dhaabbichaa hiikkaa heeraa hinbarbaachisuu jechuun yaa’ichi kan murteessee fi ol iyyannoon mana marichaaf kan dhiyaatan iyyannoowwan 80 irratti mari’achuun hiikaa heeraa hinbarbaachisu jechuun, kan sagalee hinkennine tokkoon, sagalee caalmaan ragaasisuu ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.