Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Eeggataa Ministira Ministeera dhimmaa Alaa fi tumsa Idil addunyaa Somaaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Eeggataa Ministira Ministeera dhimmaa Alaa fi tumsa Idil Addunyaa Somaaliyaa Baalaal Mahaammad Oosmaan waliin dhimmoota waloo fi naannawaarratti mari’ataniiru.
Biyyoonni lamaan dhimmoota hedduurratti tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu dhimma duula Farra Shororkeessummaa cimsuuf waliigalteerra ga’aniiru.
Mootummaan Somaaliyaa filannoo milkii qabu gaggeessuun mootummaa haaraa hundeessuu isaan gammachuun itti dhaga’amuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Eeggataan Ministira Ministeera dhimmaa Alaa fi tumsa Idil Addunyaa Somaaliyaa Baalaal Mahaammad Oosmaan gama isaaniin, mootummaan haaraa hundaa’e biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu fi tumsa Ityoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Garee shororkeessaa Alshabaab dhabamsiisuuf biyyoonni lamaan sochii taasiisaa jiran cimsuu akka qaban dubbataniiru.
Walga’ii Komishinii waloo biyyoota lamaanii sababa weerara covid -19 adda citee ture yeroo dhiyootti gaggeessuuf waliigalteerra ga’uu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.