Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara baajataa xumurametti galiin Birriin biiliyoonni 52.3 walitti qabame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara baajataa xumurametti galii Birrii biiliyoona 50 fi miiliyoona dhibba 4 ol walitti qabuuf karoorfamee, Birrii biiliyoona 52 fi miiliyoona dhibba 3 walitti qabamuu ibsameera.
Sadarkaa Itti aanaatti Pireezedaantiitti Hooggantuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaan bara kana galii idilee fi mana qopheessaarraa galii Birrii biiliyoona 50.415 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii biiliyoonni 52.3 ( %103) walitti qabamuu ibsaniiru.
Galii Idilee Birrii biiliyoona 42.43 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 44.521 (%105) walitti qabamuu kaasaniiru.
Akkasumas Galii Mana Qopheessaa Birrii biiliyoonni 7.981 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoona 7.775 walitti qabuun danda’amuu Aadde Maskaram himaniiru.
Galiin bara kanaa argame kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaallame Birrii biiliyoona 15 ol caalmaa qabaachuu eeraniiru.
Bara 2015 tti galii waliigalaa Birrii Biiliyoona 71.89 walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu himuu isaanii OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.