Fana: At a Speed of Life!

Pirofeesar Yoonas Gadaa badhaasa ‘Alzaaymar’ 2022 injifatan

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Dhalataan Ityoophiyaa Ogeessi ‘Niwuroo Saayikaatiristi’ Pirofeesar Yoonas Gadaa badhaasa Alzaaymar (Alzheimer Award) kan bara Faranjootaa 2022 injifataniiru.

Barruun dhukkubootaa Alzaayimar jedhamuu kan sadarkaa idil addunyaatti qophaa’u hojii qorannoo fi qo’annoo waggaa Alzaayimarii yookaan dhibee irraanfachurratti, qorannoon Pirofeesar Yoonaas Gadaa dhiyeessan olaanaa ta’uun injifataa badhaasichaa ta’aniiru.

Qo’annicha Dooktar Janina Keel Roosh waliin ta’uun kan qopheessan Pirofeesar Yoonaas Gadaa, digirii jalqabaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa Muummee Meediisiniin kan eebbifaman yoo ta’u, waggootaa 25’f Ameerikaattii tajaajilaa turaniiru.

Yuunivarsiitii Aariizoonaarraas gulantaa pirofeesarummaa argachuu ibsameera.

Qorattootaa qo’annoo filatameef badhaasni meedaaliyaa Meetii fi Doolara kuma 7 akka kennamuu himameera.

Sirni badhaasa kunis Hagayya 14, 2014 gaggeeffama jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.