Fana: At a Speed of Life!

Rakkolee nu mudatan kan ceenu duudhaalee hawaasummaa jabeessuuni-Afyaa’ii Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Akka biyyaatti rakkoolee namtolchee fi uumamaa ce’uu kan dandeenyu duudhaalee hawaasummaa fi umamaa yoo jabeessineedha jechuun Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo dubbatan.

Miseensonnii fi hojjettooni mana marichaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaatti biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa kanaarratti biqiltuuwwan kuma 2 ol dhaabaamaniiru.
Afyaaiin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo akka ibsanitti, miseensonni mana marichaa wayita gara naannawaa filamaniitti deebi’an, milkaa’ina sagantaa ashaaraa magariisaaf gahee isaanii bahachuu qabu hubachiisan.

“Qabeenya umamaa wayita kunuunsinuu deebi’ee nu kunuunsa” kan jedhan Afyaa’ichi, hawaasni ashaaraa magariisaaf xiyyeefannoo kennuun hojjechuu qabas jedhaniiru.

Akka biyyatti rakkoolee umamaa fi namtolchee mudataan kan darbuu dandeenyu, duudhaalee hawaasummaa fi uumamaa cimsuudhaan akka ta’ee ibsanii, kanas hawaasni cimsachuu akka qabu eeran.

Biyyoonni addunyaa hedduun qabeenya umamaa kunuunsuu dhabuun hongee, balaa lolaa fi kanneen biroof saaxilamaa jiraachuu yaadachiisanii, akka biyyaattis rakkoo walfakkaataan akka hinmudanne qabeenya umamaa kunuunsuu qabna jechuu isaanii OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.