Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa kabajamte dhaloota egeree dhaalchifna- Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) –Imala guddinaa Ityoophiyaan qabatteef ga’ee nurraa eegamu hunda ba’achuun biyya kabajamte dhaloota egeree dhaalchifna jedhan Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Waliigalaa Fiild Maarshaa Birhaanuu Juulaan.

Ijaarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa ammayyaa dhugoomsuurra darbee imala guddinaa Ityoophiyaan eegalteef akka dhaabbataatti ga’ee nurraa eegamu hunda ba’achuun dhaloota itti aanu Ityoophiyaa badhaateefi kabajamte dhaalchisuuf cimnee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Daayrektoreetiin Qabiyyee Lafaa fi Bulchiinsa Manneenii Raayyaa Ittisa Biyyaa Manneen jireenyaa kutaalee 17 of keessaa qabu magaalaa Finfinnee mooraa Raashiyaa Kaamp jedhamuun beekamu keessatti ijaarsise eebbisiiseera.

Raayyaan ittisaa biyyattii waggoottan lamman darbanitti haala biyyaalessaa ulfaataa ta’e keessatti gama tokkoon biyya gochaa fi shira humnoota farreen nageenyaarraa eegaa gama kaaniin ammoo hojiilee misoomaa qophaa’ummaa raayyaa ittisaa mirkaneessan bal’inaan, qulqullinaaniifi ariitiin hojjechuu eeraniiru.

Miseensonni daayrektoreetichaa ergama itti kenname fudhachuun yeroo gabaabaa keessatti hojii qulqullina qabu hojjechuun eebbaaf dhaqabsiisuu isaaniif galateeffataniiru.

Hojiilee ijaarsa dhaabbataa hanga ammaatti hojjetamaniin yeroo kamiyyuu caalaatti raayyicha fayyadamaa taasisuun danda’amuu kaasaniiru.

Badhaasaa fi waraqaa ragaa daayrektoreetichaan qophaa’e hojii ijaarsichaarratti miseenota ga’ee olaanaa ba’ataniif kennuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.