Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii dargaggoota Afrikaa Finfinneetti gaggeefamaa ture xumurame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – “Dargaggoota Ijaarsa nageenyaa fi eegumsa naannawaaf” mata duree jedhuun waltajjiin marii dargaggoota Afrikaa 2022 Finfinneetti gaggeeffama ture xumurameera.

Xumuramuu waltajjichaa hordofees hirmaattonni Giddugalaa Biqiltuuwwani Guullalleetti, biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanarratti hoggantoota Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa, bakka bu’ootaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa, itti waamamtootaa dhaabbilee siiviilii, miseensota iskaawutii dargaggootaa fi kanneen biroon argamaniiru.

Daayrektarri Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa Kabiisaa Domitiyan, ijaarsi nageenyaa fi eegumsi naannawaa dargaggoota giddugaleeffate murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas sagantaa ashaaraa magariisaa ajandaa biyyaalessaa taasisuun hojiirra oolchaa jiraachuu dinqisiifataniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee gama isaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa har’aa gaggeeffame, waliin jireenyaa fi obbolummaa Afrikaanota gidduutti umame kan cimsuudha jedhaniiru.

Kana malees sagantichii eegumsa naannwaa fi adeemsa ijaarsa nageenyaaf dargaggoonni igumaacha olaanaa akka qaban kan argisiisuudha jechuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.