Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii garee shaneerratti fudhatameen garecha dadhabsiisuun danda’ameera-TKM

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Tarkaanfii garee shororkeessaa shaneerratti fudhatameen garecha dadhabsiisuun akka danda’ame Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Deetaan Ministiraa Tajaajilichaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa haala yeroorratti kennaniin, mootummaan hawaasa waliin ta’uun garee shororkeessaa shaneerratti tarkaanfii fudhataa jira jedhan.

Tarkaanfii fudhatamaa jiruun garecha dadhabsiisuu fi baqachuun gara biyyoota ollaa dhokachuu ibsaniiru.

Ta’us, ajandaawan sobaa tamsaasuu fi ummanni akka walshakkuuf namoonni garechaaf deeggarsa taasisan jiraachuu kaasan.

Lammiilee Wallagaa Lixaatti haleellaan irraa ga’eef mootummaan gargaarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Kaayyoon shororkeesitootaa, diinota alaa waliin ta’uun ummanni mootummaarraa abdii akka kutatu taasisuudha jedhanii, hawaasni mootummaa waliin dhaabbachuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu akka tumsuu waamicha dhiyeessaniiru.

Aanga’oota caasaa mootummaa keessa ta’anii yakkoota malaanmaltummaa raawwatan ittigaafatamtoota taasisuun cimee kan itti fufu ta’uu Obbo Kabbadaan ibsaniiru.

Walitti bu’iinsa kutaa Kaaba biyyatti ilaalchisuunis ibsa kennaniin, walitti bu’iinsicha karaa nagaa xumuruuf koreen marii nageenyaa hundaa’uun hojii eegaluu eeranii, ta’us, gama ABUT’n tarkaanfiin nageenyaa fudhatame kan hinjirree, garechi ammas lammiilee filuun gara waraanaatti seenuuf qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Filmaata nageenyaa dhiyaatan cinaattis dhiisuun, garechi waraanaan alatti jiraachuu akka hindandeenyeef argisiistu ta’uu ministeerichi ibsa har’a kennan kanaan eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.