Fana: At a Speed of Life!

Carraan manneen jireenyaa itti aanu haala mirkaneessa qulqullinaa hordofee fi  uummata hirmaachiseen raawwatama- obbo Jaanxiraar Abbaay

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC)- Carraan manneen jireenyaa itti aanu haala mirkaneessa qulqullinaa hordofee fi uummata hirmaachiseen kan raawwatamu ta’uu Ittaanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaay ibsan.

Obbo Jaanxiraar ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, argannoo adeemsa carraa baasuu manneen waliin jireenyaa 20/80 fi 40/60 irratti argame hordofee tarkaanfii ariifachiisaan bulchiinsi magaalichaa fudhate  haqa mirkaneessuuf barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hojiin dhimmicha qulqulleessuu dhaabbilee dhimmi ilaallatuuniifi ogeeyyii beekumsa gahaa qabaniin gaggeeffamuun amanamummaa argannichaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru.

Carraan manneen jireenyaa itti aanu haala uummata hirmaachisee fi mirkaneessa qulqullinaa hordofeen kan raawwatamu ibsuun, hojiirra oolmaasaaf cimanii kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.