Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti qabiyyeen lafaa seera qabeessa kumna 76 galmaa’uu fi mirkanaa’un ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti qabiyyeen lafaa seera qabeessa kuma 76 galmaa’uu fi mirkanaa’u Ejansiin odeeffannoo fi galmeessa qabiyyee lafaa fi lafa magaalaa federaalaa beeksise.

Ejansichi sadarkaa biyyaalessaatti galmeee fi mirkaneessa qabiyyee lafaa seera qabeessa yookiin sirna kaadistarii diriirsa jira.

Bara kana hojii bulchiinsa magaalaa Finfinneetti raawwateen bu’aa qabeessa ta’uu Ejansichatti hogganaan hojii qunnamtii hawaasaa fi kominikeeshinii obbo Arraagee Kibrat  Faanaa Broodkaastiing Kooporeetitti himaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti baatii ja’a keessatti hojii hojjetameen karoora waliin walbira qabamee yoo ilaalamu raawwii isaa %92 dha.

Sirni kaadistaraa naannoo Oromiyaa, Amaaraa , Tigraay, Kibba, Hararii fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti hojiirra kan oole yoo ta’u, raawwii isaa garuu %8 qofa ta’uu obbo Arraageen himaniiru.

Kanaafis, raawwiin gad-aanaa naannoleerratti muldhateef sababoonni  hanqina galtee, damichaaf xiyyeeffanna kennuu dhabuu fi qindoominaan hojjechuu dhiisuudha jedhan.

Fuulduratti rakkinoonni kunneen furmaata akka argataniif ni hojjetama jedhaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.