Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jaappaan lammiilee hongeen midhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Doolaara miiliyoona 6.5 baasu taasiise

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Mootummaan Jaappaan naannoo Somaaleetti lammiilee hongeen midhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Doolaara miiliyoona 6.5 baasu taasiiseera.
Mootummaan Jaappaan Baatii Muddee bara 2014 hanga Baatii Adoolessaa bara 2014tti lammiilee naannoo Somaaleetti hongeen miidhamaniif midhaan nyaataa Doolaara miiliyoona 6.5 baasu meetirik Toonii kuma 7 fi 600 deeggarsa taasiisuu Ityoophiyaatti Imbaasiin Jaappaan ibseera.
Deeggarsi kunis lammiilee naannichaa kuma dhibba 4 fi kuma 46 oliif qaqqabuu danda’uu isaa ragaan Imbaasicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.