Fana: At a Speed of Life!

Ganna kana tola ooltummaan lammiileen dhiigaa akka arjooman waamichi dhiyaate

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Tajaajila tola ooltummaan waqtii Gannaa kanaan hanqinni dhiigaa akka hinmudanneef lammiileen dammaqinaan dhiiga akka arjooman waamichi dhiyaate.

Ittaanaa Daayrektaraa Olaanaa Baankii Dhiiga Ityoophiyaa, Obbo Habtaamuu Taayyee FBC’f akka ibsaniitti, arjoomni dhiigaa dhaabbilee barnootaa olaanoorraa walitti qabama.

Yeroo ammaa yeroo dhaabbileen barnootaa olaanoo cufaman waan ta’eef, hanqinni dhiigaa akka hinmudanneef hawaasni kamiyyuu baankii dhiigaa dhiyeenya isaaniitti argamutti dhiiga akka arjoomu waamicha dhiyeessaniiru.

Sagantaa tajaajila tola ooltummaa akka biyyaalessaatti baatiiwwan sadiif gaggeeffamutti, dhiiga hanga yuunitii kuma 100 walitti qabuuf karoorfamuu ibsuun, milkaa’ina karoorichaa fi gochaalee namoomaaf lammiileen Ityoophiyaa dammaqinaan akka arjooman gaafataniiru.

Finifinneettii qofaa hanga Fulbaana 30, 2015’tti dhiiga yuunitii kuma 33 walitti qabuuf karoorfamu kan ibsan Obbo Habtaamuun, magaalichaatti buufataaleen arjooma dhiigaa 13 qophaa’uu ibsaniiru.

Akka biyyaalessatti baankiiwwan dhiigaa kuma 43 jiraachuu ibsuun, sababa walitti bu’iinsa kutaa Kaabaatiin baankonni dhiigaa sadii maalirra akka jiran akka hinbeeknee fi Naannoo Amaarratti ammoo baankonni dhiigaa afur yeroo murtaa’eef dhiiga walitti qabuu akka hindandeenye himaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.