Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan paabilik dippiloomaasii cimaa hojiirra oolchuuf qophaa’aa jiaachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan waggoottan itti aanaan paabilk dippiloomaasii cimaa hojiirra oolchuuf qophaa’aa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Daayrektarri Jeneraalaa Paabilik Dippilomaasii Ministeerichaa Ambaasaddar Diinaa Mufti, paabilik dippilomaasiin adeemsa dippilomaasummaa idilee cinaatti kan hojiirra oolfamu ta’uu ibsuun, adeemsi kunis gurmaa’ina ummataa hirmaachisuun hojiilee dippilomaasii gaggeessuuf kan dandeessisuudha jedhaniiru.

Abbootii amantaa, ogeeyyi aartii, hoggantoota damee daldalaa, dhabbilee miidiyaa fi barnootaa, dhaabbileen waldaalee siiviilii hojii paabilik dippilomaasii keessatti akka hirmaatan ibsaniiru.

Mootummaan hanga ammaatti rakkoolee turan qajeelchuun bara 2015 eegalee paabilik dippilomaasii cimaa hojiirra oolchuuf qophiirra jiraachuu eeraniiru.

Paabilik dippiloomaasiin hojiirra oolus michuuwwan Ityoophiyaa bakka jiranitti kan gaggeessan yoo ta’u, Ameerikaa Kaabaa, biyyoottan Laatiin, Eshiyaa fi biyyoota Afrikaa fi kanneen birootti hojichi ciminaan kan gaggeeffamuudha jedhaniiru.

Milkaa’ina adeemsichaaf, Ministeerrii Aadaa fi Ispoortii, Ministeera Tuurizimii, Ministeera Nageenyaa fi dhaabbileen biroon akka qaama dhimmichi ilaallatuutti kan hirmaatan ta’uu kan ibsan Ambaasaaddar Diinaan, biyya keessattis, dhaabbilee barnoota olaanoo ja’a keessatti giddugaloonni paabilik dippiloomaasii hundaa’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.