Fana: At a Speed of Life!

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Galii Waloo fi Baajata Deeggarsaa dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa jira

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Koreen Dhaabbii Dhimmoota Galii Waloo fi Baajata Deeggarsaa bakka Pirezidaantonni naannolee argamanitti dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa jira.

Sirna qoodiinsa galii waloo fi baajata deeggarsaa federaalaa qopheessuun Koreen Dhaabbii Dhimmoota Galii Waloo fi Baajata Deeggarsaa, sabaa fi sablammoota Ityoophiyaaf tajaajila damee hedduu kennaa kan jiru yoo ta’u, fayyadamummaa qabeenyaa haqa qabeessa naannolee gidduu mirkaneesuuf tumsa jedhameera.

Kana malees, korichi sirna qoodiinsaan, qooddiin qabeenyaa haqa qabeessi dhiibbaa guddina madaalawaaa naannolee irraattii qabu qorachiisuun, yaadota murtee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessuuf bu’alee abdii qabeessa ta’an akka galmaa’an taattaffii taasisuu ibsameera.

Dabalataan, tajaajillii bu’uuraalee misoomaa federaalaa haqa qabeessa akka akka ta’uutti diriirfamaa jiraachuu ibsameera.

Haaluma kanaan Koreen Dhaabbi Dhimmootaa Galii Waloo fi Baajata deeggarsaa raawwii karooraa bara baajataa 2014 dabalatee, ajandaawwan garaagaraarratti pirezidaantotaa naannolee fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achaa jiraachuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.