Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattonni “Green Transport” jedhaman hojii eegalan

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Konkolaattonni “Green Transport” jedhaman har’a hojii eegalaniiru.

Konkolaattonni kunneen Dhaabbata “Green Tech Africa” jedhamuun kan oomishaman yoo ta’an, Ministirri Ministeeraa Geejibaa fi Loojistiksii Aadde Daagimaawiit Mogos Finfineetti hojii eegalchiisaniru.

Saganaticharratti, Aadde Daagimaawwiit akka ibsaniitti, damee geejibaa waliin geessisuu fi saffisaa taasisuuf sirna geejibaa jijjiirama qabeenya qilleensaaf hinsaaxilamne ijaaruuf hojjetamaa jira.

Rakkoo faalama qilleensaa addunyaarratti dabalaa dhufee hir’isuuf mootummoonni hojjechaa jraachuu eeruun, Ityoophiyaattis konkolaattota annisaa elektirikiin hojjetan beeksisuun hojiitti akka seenaan taasisuuf sochiin taasisfamaa jiraachuu ibsaniiru.

Konkolaattonni hojii eegalan jiraattota Magaalaa Finfinneef baatii tokkoof tolaan tajaajila geejibaa kan kennan ta’uu ibsaniiru.

Konkolaattonni kunneen hamma garaagaraa kan qabanii fi faalama qilleensaa hir’isuun eegumsa naannawaaf gahee olaanaa qabaachuun eerameera.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.