Fana: At a Speed of Life!

Inistitiyuutiin Ispoortii Komaandar Daraartuu Tulluu tajaajilaaf qophaa’e

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Ijaarsi Inistitiyuutii Ispoortii Komaandar Daraartuu Tulluu xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uun ibsame.

Inistiitiyuutichi gosoota Ispoortii 14 oliin atileetota gudattoota kuma 1 fi 60 ol leenjisuu kan danda’u, dirreewwan 18, manneen jireenyaa leenjistootaa fi leenjitootaa, fi kanneen biroo kan qabuudha jedhameera.

Instiitiyuutichi atileetota maqaa biyyaa fi Afriikaa waltajjii addunyaarratti waamsisuu danda’anii horachuu kan dandeessisu tahu Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Magaalaa Obbo Addisuu Araggaa fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Ijaarsi Instiitiyuutii Ispoortii Komaandar Daraartuu Tulluu ijaarsi isaa xumuramees tajaajilaaf qophaa’uu ibsan.

Inistitiyuutichi baajata Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramade Birrii biiliyoona 1 oliin magaalaa Sulultaatti ijaaramaa ture.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.