Fana: At a Speed of Life!

Michummaa Ityoophiyaa fi Israa’eel daran cimsuun barbaachisaadha- Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Michummaa Ityoophiyaa fi Israa’eel daran cimsuun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsaniiru.

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Ambaasaaddara Israa’eel Allallinyi Admaasuu waliin haala tajaajiloonni biyyoota lameen gudduutti taasifaman ariifachiisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Burtukaan, Ityoophiyaa fi Israa’eel hariiroo uummataa waggoottan lakkoofsise qabaachuu yaadachiisuun, michummaa biyyoota lameenii daran cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Ambaasaaddar Allallinyi Admaasuun gamasaaniin, walitti hidhamiinsi cimaan uummata biyyoota lameenii gidduu jiru hariiroo Ityoophiyaa fi Israa’eel gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf carraa kan uumu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Hoggantoonni lameen dhimmoota qontsilaa fi tajaajila dippiloomaatikiirratti yaada wal jijjiiruun haala tajaajilicha ariifachiisuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.