Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Waldaa Barsiisota Itoophiyaa fi Naannoo Oromiyaatiif beekkamtii kenne

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa Waldaa Barsiisota Itoophiyaa fi Naannoo Oromiyaatiif beekkamtii kenne.

Sirna beekkamtii kennuu kanarratti waldaaleen barsiisotaa kunneen rakkoolee garagaraa isaan quunnamaa ture obsaa fi abdiidhaan keessa darbuun bu’aa amma argamaa jiru kanarra gahee jira.

Obsaa fi kutannoo isaan agarsiisanis sirna beekkamtii kennuu kanarratti dinqisiifatamaniiru.

Preezdaantiin waldaa barsiisotaa Itoophiyaa Dooktar Yohaannis Bantii akka dubbatanitti waldaan keenya muuxannoo horatetti fayyadamuun gaaffii barnootaa, barsiisotaa fi rakkoo hawaasa keessa jiru deebisuuf kana caalaatti kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Preezdaantiin waldaa barsiisota naannoo Oromiyaas walitti siqeenyaan dhimmamtoota waliin yoo hojjetame gaaffiin kamuu deebii argachuu akka danda’u ibsanii jiru.

walumaa galattii beekkamtiin waldaalee barsiisotaaf kenname kun gara fuula duraattis hojiin barnootaa kallattii hundaan akka milkaa’uuf wal-hubannaa fi mariidhaan hojjechuufi bu’aan gama barnootaan argamu argamu irratti shoora guddaa qabaata jedhame.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.